Tel: 061 261 57 67
Warenkorb
Ihr Warenkorb ist leer.
Gesamt
0,00 CHF

Siyaasa Oromoo

Angebote / Angebote:

Siyaasa Oromoo is about Oromo politics and history. It covers all major issues in Oromo history and politics. It is about how and why Oromo nation fell under the Abyssinian ruler's yoke, and why it failed to stood on its foot for over a century. The book emphasizes on the role unity, organization and leadership played in the success Oromo achieved in the past and present. It also focuses on the need to get unity, organization and leadership related issues right to sustain the gains made as a result of Oromo struggle. Moreover, the book underscores the indispensable role Oromo plays not only to democratize Ethiopia but also to ensure tranquility and prosperity in Ethiopia and the Horn. In a globalized world the destiny of Oromo is very much linked to the rest of the world. This requires to sync Oromo politics with that of the region and the rest of the world. That is why the book tries to see Oromo politics in the context of Africa and World politics. Above all, the book argues that harmonious relationship between Oromo and other ethnic groups in Ethiopia play a central role to create stable and prosperous Ethiopia. The book is written in Afan Oromo (Oromo language). This is primarily to improve Qubee Generation's understanding of Oromo politics and history. To create knowledgeable and well-informed generation, this book has a lot to offer. Itoophiyaa keessatti wanti heddu siyaasaan kan walitti hidhate fakkaata. Dhimmoota heddu keessatti siyaasni matadureedha. Bakka heddutti kan irratti walmormamu, dhimmi irratti walitti gaarriffatamu siyaasa. Yoo hin taane ammoo seenaadha. Hoogganoota, jaarmayaalee fi deeggartoota isaanii jiddutti saahuu walfixxaa yaadaa fi ilaalchaatu adeema. Yeroon wanti xixiqqoon madda rakkoo fi atakaaroo itti ta'an heddu. As biratti namni hundi yaadaan tokko ta'uu qabaa miti. Waanuma hunda irratti yaada adda ta'e qabaachuun, wantuma cufa keessatti walafoodhaabachuun harka walqabatanii walceesisuu utuu hin taane bishaan walnyaachisuu ta'a. Yaada ijoo, galma guddicha, irratti yaada walfakkaataa qabaachuun, addaaddummaan uumamus ragaa, bilchinna siyaasaa fi waldanda'uu bu'uura godhachuun barbaachisaadha. Akka dhaarameessaa wal afoo dhaabachuun, akkasumas hubannaa siyaasaa dhabuu irraa waan gaarii walharkatti galaafachuun dantaa ummataa fi biyyaa huba. Mooraa Oromoo keessatti siyaasni mataduree waan hedduu ta'us, hanqinni bilchinnaa fi hubannoo siyaasaa jiraachuun isaa bifa garagaraatiin mul'ataa tureera. Namni heddu gabaa siyaasaa keessaa qooda fudhachuuf kan yaalu harka duwwaa ykn siyaasa bargoo qabateeti. Haala kana keessatti waan dubbii hin taanetu walnama mormisiisa. Waan qeeqaaf hin malletu walnama ficcisiisa. Dhimma sa'aa tokkotti xumuramuu maletu halkan guutu nama teessisa. Maddi rakkoo, inni ijoon, hir'inna hubannoo siyaasa Oromoo duumesseedha. Hubannoo gayaa qabaachuun siyaasa bilchaataa, abshaalaa fi moo'ataa geggeessuuf murteessaadha. Duruunfatanii fiiguun, miiraan gugatuun, waan qaban harcaasutti yoo hin taanee injifannoo caalutti nama geessuun isaa mamsiisaadha. Ummanni hubannoon maletti dirree siyaasaa seenu farda namootaa ykn daboo hooganootaa ta'a: kan abbaan fedhe yaabbatu ykn meeshaa itti fe'atu. Siyaasni hubannoo gayaan maletti borcaadha. Kan haasayu walhinhubatu. Mariin taasifamu firii hin qabaatu. Siyaasa Oromoo keessatti sagaleen dhagayamu guddaadha. Fedhiin siyaasa irraa qooda fudhachuus cimaadha. Rakkoon taajjabamu bilchinni siyaasaa sadarkaa silaa eeggamutti ta'uu dhabuu isaati. Yeroo tokko tokko hubannoo fi bilchinna siyaasaa dhabaaf tarsiimoon baafamu walharkatti qabama, yaadni hayyootaa fi hoogganootaa wacaan haguuggama. Ilaalchaa fi tooftaan hayyootaa isa namota miiraan gugataniin butamaa turuun isaa hudhaa qabsoo ta'aa tureera.
Folgt in ca. 10 Arbeitstagen

Preis

32,90 CHF